Kebor Multimedia
06/05/2026
Jilli Keyrii Irratti Bobba'e Ziyaaraadhaaf Nageellee Booranaatti Imala taasise Xumure.
*******
Keebor Media May 06/2026
***
Jilli Miidiyaa Keyrii Irratti Bobba’e Magaalaa Nageellee Booranaa Halqaa Ilmii Sheek jeylaan Adaanoo Daawwataa Ture Xumure.
***
Jilli Kun Sheek Jeylaan Adaanoo Haalli Baruu fi Barsiisuu Maalirra Akka Jiru Daawwatuun Hanqiinnu Bu'uuraalee Hedduun Akka Jiru Taajjabaniiru.
***
Isa Keessaa Jama'aan Baayyinni Isaanii Nama Kuma Tokkoo Ol Kan qabu yoo tahu Bakki Isaan Bulan Haalli Isaa Bultiif Mijataa Akka hin taane taajjabaniiru.
***
Kana Malees bakki Jama'aan taa'anii Baratan Akka Mijataa Hintaanee fi Walumaa Gala Dhimmoota Kanniiniin wal qabatee Sheekni Yaaddoo Keessa Jiraatuu Himaniiru.
***
Kanaaf Jilli Kun Bakka Bultii Jama'aatii fi Bakka Isaan Guyyaa Keessatti Baratan Akka Ijaaramuuf Dhakkaa Bu'uuraa Kaayuun Jalqabuun Waan Hafe hawaasni Duuka Akka Dhaabatu Amaanaa Fudhataniiru.
***
Jilli Kun Yeroo Daawwii Isaa Xumuree Galuuf Jedhutti Bulchaa Godina Boornaa fi Hawaasni Bal'aan Bakka Argamanitti Yaa'anii Geeggeessaniiru.
***
Imala kana keessatti Miidiyaan Keebor Jalqaa Hanga Xumuraatti Waan Argee fi Taajjabe Tartiibaan Kan Isiniin gahu taha.
***
✍ Ukaashaa Sheek Abdulqaadir
Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947
YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/
Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia
TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia
WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f
Click here to claim your Sponsored Listing.