Burka press

Burka press

Share

03/06/2026
31/05/2026

Obboleessi keenya Biiftuu Ahmed Culullee dhiheenyuma kana bultii ijaaree cidha ajaa'ibaa godhatee osoo Haadha warra isaa waliin gammadee taphatee hin quufin qaxara cabee karatti hafe. Jiruun itoophiyaa tun harkaa gara afaanii waan taheef yoo hojjatte malee jiruun tun siif hin dabartu.

Biiftuun dheengadda galgala halkan walakkaa Jimaa fe'ee Bookee xiqqoo irraa gara Finfinnee deemaa osoo jiruu konkolaataa isaa irratti dhukaasa bananii akkaa fi akka maletti qaxara cabee Haadha warra isaatiis kophaa dhiisee godaane. Biiftuun dhiheenya kana hiriyaan isaa Abdujabbaar Bakar Shiftaadhaan ajjeefamuu dhagahee du'a isaatiif imimmaan osoo hin qoorin Inniniis guyyaan isaa ga'ee gama aakhiraa godaane.

Namni du'a hiriyaa isaa arke tan isaatiis numa arkaa taatee lamaan isaanitu dhabnee kunoo.🥲Obboleessa keenya Biiftuu dabalatee Shufeerota keenya dhuman hundaaf Rabbiin Rahmata haa godhuuf. Haadha warra isaa fi maatii Biiftuu hundaaf jajjabina hawwina! Haala kanaan Mootummaan kun keenya jechuun maal gatii qaba? Dhimma kanaaf mootummaa naannoo Oromiyaa fi mootummaa Feedaralaa xiyyeeffanna itti kennuu qaba!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

Addis Ababa