SOG Studio
14/06/2025
GALATOOMAA/SUBSCRIBERS
300 namaf xiqqatus nuuf garuu... hundaafu deemsi itti fufaa.
https://youtube.com/?si=QttZ5tZFaf184dLE
Dhaamsi keenna, like, share subscriber godhaa isiinin hin jennu yoo isiiniti toleef tolee qofaa waanuma isiiniti toleef fakkatee rawwaadha!!!
t.me/sogproduction
BARNOOTA 13FFAA
GOOFTAAN DU'AA KA'E
KAMISA Fulbaana 26
Gara Biyya Lafaa Hundumaa Dhaqaa
Maarqos 16:14-20 dubbisi. Yesuus yeroo isaanitti mul'ate bartoota isaatiin maal jedhe, jechoonni kun har'a nuuf hiika maalii qabu?
Dubbiin Yesus bartoota isaatti dubbate inni jalqabaa haasaa al-kallattiin Maarqos 16:14 keessatti qofa galmeeffameedha. Inni amanuu dhabuu fi garaa jabaachuu Isaaniiif isaan ifate. Gaaffiin amantii dhabuu kun kufrii kun rakkoo ammayyaa kan inni ta'e salphaatti miti. Akkuma kanaan dura ilaalle, bartoonni Yesus warri jalqabaa amanti dhabinaa wajjin wal'aansoo keessa turan (Mat. 28:17, Yohaannis 20:24-29), isaanis foon keessa ta'uudhaan Yesusii wajjin turan, akkasumas irra dedeebi'anii dinqiiwwan argaa turan. Garuu ragaa adda addaatiin dhugaa du'aa ka'uu isaa jiru isaanitti agarsiise.
Yesus Sana booda gara biyya lafaatti wangeela akka geessaniif bartoota isaa erge. Abboommiin isaa bal'aadha. Isaan uumama hundumaaf wangeela lallabuuf gara guutuummaa biyya lafaa dhaquu qabu. Sana booda Yesus bu'aan hojii isaanii nagummaa fi boo'icha akka ta'u ibse amantoonnanii in fayyu, warri hin amannetti immoo itti faradama.
Yesus mallattoolee hojii bartootaa duukaa bu'an kan akka hafuura hamaa baasuu, afaan haaraa dubbachuu, miidhaa irraa eegamuu fi warra dhukkubsatan fayyisuu ibse. Namoonni tokko tokko bofa summii qabu harkaan qabuudhaan akka Kiristiyaanonni amantii isaanii argisiisan mirkaneefachuuf Maarqos 16:18 dogoggoraan hiiku. Asitti tarkaanfiin of tuulummaa akkasii hin hayyamamu. Wanti Yesus ibsaa jiru eegumsa isa yeroo namni tokko ergama keessatti hirmaataa jiru kan akka isa Hojii Ergamootaa 28:3-6 keessatti Phaawuloos utuu warra kaan tajaajilaa jiruu isaaf godhameeti.
Kiristiyaanonni yeroo hunda miidhama irraa akka eegaman Macaafni Qulqulluun hin barsiisu. Hojii wangeelaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf barbaachisaa ta'ee yeroo argu Waaqayyo dinqii hojjeta. Garuu yeroo tokko tokko Kiristaanonni sababa dhugaa ba'umsa isaaniitiin in rakkatu. Haala sana keessatti obsaan danda'uun isaanii warra hin amanneef mallattoo humnaa amantiiti.
waan asitti hojjete hundumaa erga hojjetee booda, "gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa'e."
(Mar. 16:19). Yesuus gara mirga Waaqayyoo, iddoo aangoo olaanaa sana taa'uuf ol ba'e, sababiin isaas Yesus humnoota hammeenyaa hundumaa injifateera.
Heertuu isa dhumaa hubadhu. Isaan wangeela lallabaa "Bakka hundatti" adeeman, qofaa isaanii immoo hin adeemne. "Gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse." (Maarqos 16:20). Yeroo sanatti isaanii wajjin ture, akkasumas hojii isaan eegalan amma yeroo itti fufnu nu wajjin akka ta'u abdii nuuf kenneera.
"Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira" (Mat. 28:20). Nutis "bakka hundumaatti" wangeela labsuuf yeroo barbaannu abdii kana irraa jajjabina maalii fudhachuu dandeenya?
t.me/sogproduction
Click here to claim your Sponsored Listing.