Birraa

Birraa

Share

03/06/2025

Waliin BBC News Afaan Oromoo – Itti fufeen jira! Walitti aansee ji'a 4f deeggaraa olaanaa ta'eera. 🎉

29/01/2025

Wal Quunnamtii Saalaa wayita Ulfaa
Waa'een wal-qunnamtii saalaa wayita ulfaa gaafii isiin baay'inaan gaafachaa turtan keessaa isa tokko. Egaa wal quunnamtiin saalaa hanga ji'a afuritti haadha ulfaaf mijachuu dhiisuu danda'a. Sababni isaas wayita kana ol guurraan ,tuttufsiisaan fi dadhabbiin waan itti baayyatuuf fedhiin ishee hir'achuu ni danda'a. Garuu ji'a 4-7tti dhibeewwan armaan duratti caqafaman hir'achaa waan deemuuf fedhiin isaani ni dabala. Ji'a 8 hanga dhumaatti gadameessi daa'ima baatu guddaa waan ta'eef haalli qunnamti saalaaf mijachuu waan diduuf feedhii isaanii akka duraa hin ta'u. Walumaagalatti walquunnamtiin saalaa ji'aan hin dangeffamu,jechuun hamma dhibeen hin jirretti walquunnamtii saalaa hanga ji'a dhumaatti hin dhorkamu. Garuu wayita dhibeewwan armaan gadii mul'atan wal qunnamtii saalaa gochuun dhorkaadha.
1. Seenaa ba'uu ulfaa al lamaaf isaa ol yoo qabaatan.
2. Ulfa duraa irratti ciniinsuun osoo hin ga'iin itti dhufeera yoo ta'e.
3. Yoo karaa qaama isaanii dhigni dhangala'e.
4. Yoo bishaan gubbee dhangala'e.
5. Ultrasoundiin ilaalamtee yoo of-kaltiin balbala gadameessaa irra ykn mucaa dursee jiraa yoo ta'e dha.
Garuu qunnamtii saalaa booda yoo dhigni mul'atee fi bishaan gubbee dhangala'e atattamaan mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
Galatoomaa !
Dr. Lammii G.

22/01/2025

🌸𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗛𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗜𝘀𝗹𝗮𝗮𝗺𝗮𝗮🌸
=======================
☘️ 𝐒𝐨𝐝𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢 𝐮𝐟𝐟𝐚𝐭𝐚 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐭𝐞 𝐭𝐨𝐨𝐰𝐛𝐚𝐭𝐮𝐮𝐟 𝐣𝐚𝐫𝐣𝐚𝐫𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐙𝐢𝐤𝐫𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐥𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢 𝐢𝐧𝐣𝐢𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐀𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐢𝐢𝐟𝐢𝐢𝐧 𝐮𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐨𝐟 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐍𝐚𝐚𝐦𝐮𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐭𝐢𝐤𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐔𝐳𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐨𝐟 𝐪𝐮𝐬𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐞𝐞 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐝𝐡𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐚𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐑𝐢𝐳𝐪𝐢𝐢 𝐲𝐨𝐨 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞, 𝐟𝐢𝐫𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐦𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐔𝐦𝐫𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞, 𝐭𝐨𝐥𝐭𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐇𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐚𝐱𝐢𝐥𝐚 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐭??𝐢 𝐱𝐢𝐪𝐪??𝐨𝐥𝐥𝐞𝐞 𝐭𝐚'𝐮 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐢'𝐚𝐚 𝐝𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐞𝐞𝐤𝐤𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐊𝐡𝐞𝐞𝐲𝐫𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐮𝐦𝐫𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐭𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐝𝐡𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐬𝐚𝐝𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐊𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐤𝐤𝐮𝐛𝐬𝐚𝐭𝐞 𝐛𝐢𝐫𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐢𝐢 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐊𝐚𝐧 𝐤𝐡𝐞𝐞𝐲𝐫𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐬𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐦𝐞 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐚𝐰𝐰𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐈𝐥𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐟 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐭𝐨𝐥𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐨𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.
☘️ 𝐊𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐥𝐚 𝐬𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐨𝐥𝐞 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Dire Dawa
Addis Ababa