Abera Chala
11/06/2026
Guyyaa har’aa Sagantaa FSRP, Waajjira Qonnaa fi Waajjira Jallisii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waliin mariin bal’aan piroojektoota sagantichaan deeggaraman irratti gaggeeffameera. Marii keessatti hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman irratti gamaaggamni taasifamee, hojiiwwan hafan saffisaa fi qulqullinaan akka raawwataman irratti waliigalteen irra gahameera.
Marii kanaan piroojektoonni sagantaa FSRP jalatti mootummaa fi hawaasaaf bu’aa olaanaa fiduu danda’an yeroo qabame keessatti akka xumuraman irratti xiyyeeffannoon addaa kennameera. Kanaafuu, qaamoleen hojii kana keessatti hirmataan hundii itti gaafatamummaa olaanaadhaan akka raawwatan kallattiin kennameera.
Dhumarratti, hojiiwwan saganticha jalatti jalqabaman hundi karooraa fi yeroo qabame keessatti qulqullinaan hojjetamanii hanga Waxabajjii 30/2018tti guutummaatti akka xumuraman irratti waliigalteen taasifamee, hojii raawwachiisummaa isaa irratti hordoffii fi deeggarsi barbaachisu akka taasifamu murtaa’eera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa