Marga Kababa Page

Marga Kababa Page

Share

🌎 Carraan jireenyaa tokko qofa; Carraa qabdutti immoo Kiristosiif jiraadhuu, Kiristosumaan lallabii darbi!✝️ Channel Telegram keenya JOIN godhaa!
🫴https://t.me/DhagaaJiraataa7
"One with God is the majority!"πŸ’™πŸ’₯

25/06/2026

Nagaan Waaqayyoo hunduma keessaniif haa ta'u akkam jirtu obboloota koo?

Har'a obboleessa keenya jaallatamaa Dugasa Dessalegn kan jedhamu waliinan wal isin barsiisa. Obboloonni gariin obboleessa kana ni beektu jedheen yaada. Dhugaa dubbachuuf obboleessi kun nama ayyaanni faarfannaa irratti ijaaramee irratti dagaagee dhaloota eebbisaa jirudha. Yoo xiqqaate Waggoota 5 dura nama deemee faarfannaa sagaleedhaan hojjechuudhaan Waaqayyo karaa isa nu eebbisaa turedha.

~ Akkasumas tajaajila gurguddaa Waldaa Kiristiyaanaa keessatti nama tajaajilaa jirudha. Waldaan Kiristiyaanaallee namoota akka obboleessa jaallatamaa Dhugaasaa kanaa yaadaan qabdee yoo itti fayyadamte gaariidha. Obboloonni ergaa dhugaan isin keessa jiruu fi miidiyaa keessaniin namoota Gooftaan bara kana keessa nuuf kaase jajjabeessuu itti beektan nama kanallee jajjabeessaa! Maarree ammas You Tube mataa isaatiin faarfannaa mata dureen isaa "Ani Nagaadha" jedhu qabatee dhufaa jira.

~ Faarfannaa danuu kana dura bifa 'dhaan hojjetee turellee You Tube irra oolee waan hin jirreef, amma garuu You Tube mataa isaa irratti nuuf gadhiisuufi waan ta'eef achirraa argattu. Faarfannaa obboleessi keenyi kun faarsu warri beektan beektu. Dhugaadha faaruu ajaa'ibaatu obboleessa keenya kana harka jira. Waltajjii inni qabatee faarfannaadhaan Waaqeffachiisullee dhugaadha waan addaati.

~ Maarree nuyimmoo ergaa eebbifamaa Gooftaan isa keessa nuuf kaa'e kanatti eebbifamuu hin qabnuuree? Sirriitti ittiin eebbifamuu qabna malee! Eeyyeen akkasi. Kanaafuu You Tube mataa isaa kana seentanii gochuudhaan maatii akka taatan, akkasumas faarfannaa achirra jiruunis ittiin eebbifamaa hiriyoota keessaniifillee akka gootan jaalala Waaqayyoon isinan gaafadha.

Maqaan You Tube isaa "DUGASA DESALEGN OFFICIAL" kan jedhudha.
Kunoo liinkii kanaan seenuudhaan ittiin godhaaf! Eebbifamaa michoota kooπŸ₯°πŸ™Œ
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://youtube.com/-ff4zh?si=mywQc6uuBgd8c-76

25/06/2026

πŸ€ŒπŸ’¬
β€œFayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.”
πŸ“– HoE. 4:12
πŸ₯°πŸ™Œ
Marga Kababa Page FOLLOW godhaa!

24/06/2026

πŸ€ŒπŸ’¬
β€œWarri qodaatti fakkeeffamnes nuyi; inni warra Yihudoota duwwaa waame utuu hin ta'in, Yihudoota warra hin ta'in keessaas waameera.”
πŸ“– Rom. 9:24
πŸ™πŸΏ
Marga Kababa Page FOLLOW godhaa!

Photos from Marga Kababa Page's post 23/06/2026

Luba Dr Tasgaraa Hirphoo Macaafa Qulqulluu mana Waaqeffannaa keessa kan iddoo aarsaa taa'u barreeffamee erga xumuramee yeroo isaan namoota bu'aa Waldaa Kiristiyanaa ta'anitti dabarsanii imaanaa kennan suuraadhaan! Magaalaa Finfinnee galma Adwaa keessatti sagantaan kun kan qophaa'e yommuu ta'u namoonni gurguddoo fi mana Waaqayyoo keessaa tajaajilaa turan irratti argamanii jiru. Wangeelli imaanaadha! Sanyii jiraataa dhalootarraa gara dhalootaatti darbuu qabudha. Luba Dr Gammachiis Dastaa yeroo isaan jilbeeffatanii Macaafa Qulqulluu harkaa fuudhan suuraan.

Marga Kababa Page FOLLOW godhaa!

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Addis Ababa