Justice Post

Justice Post

Share

05/04/2025

Ukkaamfamuu fi butamuu:- Shaashamannee ....via JM
Hokkara Shaashamannetti namoonni ukkuufamuu irratti warra butamanii maallaqa kafalanii bahan keessaa 6, bilbiloota isin ergitaniin argadhee dubbiseera. Namnoonni kun birrii miliyoona tokkoo hanga kudhanii gaafatamanii maatiifi ollaan walitti baasee kafalee akka gadi lakkisiisee himan. Abbootii qabeenyaa magaalattii keessaa kan butamee takkaa doorsifamee maallaqa hin kafalin akka hin jirretti himu. Miidhamtoonni kunniin akka jedhanitti warri butu sun gariin yuniformii poolisiifi raayyaa ittiisa biyyaa, muraasni ammoo sivilii uffatanii paatrooliin mana dhaqanii sakatta'anii fuudhu. Achuma Shaashamannee, Nageellee Arsii takkaa Hawaasaa geessuun mana dhuunfaa keessatti itti cufanii tursiisanii erga kaffaltiin raaw'atee booda gadi lakkisan.

Himannaa kanarratti hoggansa nageenyaa godina Arsii Lixaafi Shaashamannee qunnamee gaafannaan butamuun namootaa dhugaa ta'uu himuun, "saamtotatu maqaa qaama nageenyaan raaw'ate" jedhan. Sodaa uumame tasgabbeessuufis ummata marsiisisanii akka turan himan.

Gochi kun qaama nageenyaanis ta'ee fakkeessitootaan raaw'atamu, magaalaa guddoo akkasii keessatti sadarkaa kanatti geggeeffamuun isaa seer-dhablummaan hammam akka hammaate akeeka.

24/10/2024

Turkiin buufata waraanaa Kurdish haleeluu ibsite
Mootummaan Tarkii humni waraanaa isaa kaleessa galgala buufata waraanaa Kurdootaa [PKK] Iraaqii fi Sooriyaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuu ibse.
Gabaasichaaf; 👉👉 https://bbc.in/3A15Tbt

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Arat Kilo
Addis Ababa