Robsan Entertainment

Robsan Entertainment

Share

20/10/2025

Karrayyuun Jaarsaa biyyaa Kabajamaa guddaa tokko dhabde ardha! Jaarraa Daduu---Goota ija barbadaa fuulli Rabbii sitti haa tolu! Diqqaa guddaan, hiddaa firri irraa hafaa, jabaadha, jajjabaadhaa!!!!

Photos from Robsan Entertainment's post 15/10/2025

Jiillee Koo
***********
Birmaduu irree heenaa
Hayyuu bokkuuf kallachaa
Naanniga dilbii seenaa
Goota gameeyyii dachaa

Hortee warra guddaa
Hiddi kee, ni beeksisaa
Milkoofte caarraa hundaa
Foollee biyya eegsisaa
Nooruu jedhee simatee
Wayyooman wal teessisaa
Marii marabbaan bulchee
Gamtaan roorroo leephisaa
Jiillee Koo, abbaa jilaa
Aannan bara dheebisaa
Heera gadaatin bulee
Tufee Waliif eebbisaa
Ilma kararraa maqees
Duudhan qabee deebisaa

Yaa'ii jilaa, irreecha Qoffee
Uffata safuu, bullukkoo boffee

Badhaadha karraa, dureessa Loonii
Jiillefii jilli, lafeefii foonii

Shammarran Jiillee, daabee fooyanii
Safuun arreedaa, simboon looyanii
Laalaa Oromoo, naatoon booyanii

Caayaa kitilaa, bullukkoo coonii
Bakkalcha lammii, biiflomii boonii

Qabballeefii Jufaareen
Jabbii geessanii malkaa
Aayyoo kaamettiif arjaan
Dhadhaan maktee marqaa
Jaldhaaba oromummaa
Aniis dhufeen, si argaa

Jiillee Koo abbaa biyyaa
Leenca wantaaf waraanaa
Gaachana gaafa iyyaa
Qomoo fakkii galaanaa

Ulfoo koo jaalatamaa
Jiille Oromoof dhukaa
Waa'een kee na booji'ee
Sanyii Koo, siifin dhufaa

Jiille ijaaf agartuu
Tiruu Bachoofi Eekkaa
Muldhataa akka gaaraa
Addunyaanuu si beekaa

Dambal qooqafii maqii
Hawweera dhufee laaluu
Qe'ee jaalalaa dhaqii
Garaamii hundaa caaluu

Ofkaltii teessaniin ala
Miila tokko'n fudhannuu
Faajjii eenyummaa haqaa
Bitimaa karraan cufannu.

Jiillee Koo ♥️

✍️

05/10/2025

Miss Tourism Oromia!!
First and Last!!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Adama Dada Mall
Addis Ababa
0000