Technolog & Programs

Technolog & Programs

Share

15/01/2026

With A.I. Artificial Intelligence – I just got recognized as one of their top fans!

Photos from Technolog & Programs's post 06/05/2025

Magaalaa Dambi Dollootti Barataan kutaa 10ffaa Raajii Ibsaa jedhamu Net work haaraa kalaqe!

Biyyoonni guddatan iccitiin milkaa'ina isaanii inni olaanaan kalaqa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu isaaniiti. Addunyaan keenya yeroo ammaa guyyaadhaa gara guyyaatti kalaqawwan adda addaa kanneen jiruuf jireenya hawaasaa irratti xiyyeeffatan oomishaa jirti. Kanaanis jijjiiramoonni gurguddoon galmaa'aa kan jiruudha. Kalaqni wantoota haaraa bifa kanaan dura ture irraa adda ta'een kan kalaqamu, humna, baasiifi yeroo qusachuun faayidaa hawaasaaf kan ooluudha.

Kalaqni teekinooloojii bu'a qabeessuummaan isaa mirkanaa'e guddina biyya tokkoof bu'uura guddaadha. Lammiin Ogummaan Gahoome; Sammuu Qaroomeen Badhaadhina Biyyaatiif ta'a. Mootummaanis rakkoo qulqullina barnootaa keessatti jiru furuun dhaloota baratanii rakkoo biyya keenyaa fi kan Addunyaa hiikuu danda'an horachuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.

Egeree dhalootaas beekumsa barnootaa kalaqaa fi teekinooloojiidhaan utubuuf cichee hojjetaa kan jiru, kanaanis jijjiiramoonni garaagaraa argamaa kan jiru yoo ta'u, Godina Qellem Wallaggaattis bu'aan argamaa jiru salphaa miti.

Barataa Raajii Ibsaa Alamaayyoo jedhama. Dhalatee kan guddate Magaalaa Dambi Doollootti. Raajiin Barataa Mana Barumsaa Waldaa Warra Wangeelaa Beetel Sadarkaa 2ffaa (BESS) Kutaa 10ffaati.

Barataan kun yeroo ammaa Kalaqa addaa kalaquun dorgommii sadarkaa Federaalaatti dorgomaa jira.

Tekinooloojii addaa Raajiin kalaqes Kilaastera Doonaa Barbaritti yeroo ta'u Tekinooloojii "Dambi Dollo Network" jedhu yoo ta'u Km 1.5 irratti tajaajila kan kennuudha.

Net workin kunis shiboo malee baatame iddoodhaa gara iddootti deemuun kan hojjetuufi saatalaayitii irraa networkii kan fudhatuudha.

Networki kana kan inni kalaqeefis barattoonni yeroo barnoota on line barataniifi qayyabachuuf bilbilli waan isaan barbaachisuuf naannoo keenyatti immoo tajaajilli networkiif ibsaa addaan waan ciccituuf kana giddu galeessa godhachuun rakkoo kana furuuf kan yaadee kalaqe ta'uu

28/03/2025
Want your business to be the top-listed Engineering Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

New Work, Finfine
Addis Ababa