Sheger Entertainment

Sheger Entertainment

Share

22/11/2023

Ammas deeggarsa keessan na barbaachisa!

Maal irraa akkan jalqabuuf akkamiin akkan isinii ibsu hin beeku! Dhimma kana isiniin ga'uu akka qabu murteessuu koo qofa beeka!

Yeroo hunda gaaffii deeggarsaa Oromoo rakkatee isin gaafadhee na qaanessitanii, duubatti jettanii hin beektan. Sababa isin na wajjiin dhaabattaniif yeroo hunda maqaan koo haa dhahamu malee kan na wajjiin turan hedduudha. Galatoomaa!

Qindeessaa muuziqaa fi weellisaa Dinqisaa Dabalaa rakkoo dhibee namatti himachuuf ulfaatuu fi yoo himatanis salphaa fakkaatu garuu immoo taa'uu fi ka'uu nama dhoorkuun Kintaarotii (Hemorrhoid) eega qabamee bulee, tutturee jira.

Dhukkubni kun eega itti dhufe har’a waggaa 10 guuteera. Ka’uumsi dhukkuba kanaas yeroo hedduudhaaf taa’aa turuufarraa akka namatti dhufu beekamaadha. Innis hojiin isaa qindeessaa muuziqaa waan ta’eef hojii kanammoo taa’ee waan hojjachaa tureef kanumarraan dhukkuba kanaaf saaxilame.

Hojiif biyya Baahireen yeroo deeme yaala baqaqsanii wal'aanuu argatus, wal'aansa san seeraan osoo hin xumurin biyyatti deebi'ee. Madaan sunis deebi'ee itti hammaatee ammas haala dhagahuus ta'ee ilaaluuf nama rakkisuun madaa kana baachaa akka dubartiitti dhiiga harcaasaa imaluun dirqama eega itti ta'ee bubbulee jira. Sababuma kanaan erga hojii dhaabees turee jira. Maatiin isaatis rakkoo ulfaataa keessa jiru. Waan dandeessaniin mucaa kana cinaa akka dhaabbataniif waamicha Oromummaa kabajaan isinii dhiheessa. Karaa TikTokn guyyaa jimaataa kan walitti qabamuuf yoo ta'u, Gofund me warri banuun akka gargaaramu warri gargaaruu dandeessan yoo jiraattan nu cinaa dhaabbadhaa. Quunceen wal gargaartee arba hiiti.
Ulfaadha !

1000480185386 Dinkisa Debela
Commertial Bank of Ethiopia
013201247568900 Dinkisa Debela
Awash Bank!

Daba Kene

Photos from Sheger Entertainment's post 31/10/2023

Gutu Abera legend oromo artist❤️💚❤️

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa