Bishoftu Press
12/01/2026
“Biyyaafi Biyyoo Abbaatu Eeggata” Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Addunyaan hariiroo madaala uumaaf uumamaan tikfamti. Uumamni kunneenis asaasa uumamaatiin seeraafi sirna isaanii eeggatanii tokko kan biroof hirkoo ta’uun waliin jiraatu. Ulfinni uumamaas madaala kana bifa ta’uun tiksuun ijaarama.
Deemsa uumamaa kana kan hubate Oromoon gaarri wayyu bosonaan miidhaga, Burqaan wayyuu adiyootti hin hambifamu, dachaanis wayyu bishaan keessaa hin dhabamu jechuun afoolaan hojii kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa dhaloota hubachiisaa seeraafi sirnaanis qajeelchaa dhufe. Safuufi safeeffannaa uumama tiksuuf qabuunis seera tumee lallabuun uumamni ida’amee waliin akka jiraatu duudhaa keenya ganamaatu nu barsiise.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa safuufi duudhaa ganamaa itita seera sirna Gadaatiin qajeelfamuun qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf uummata isaa qindeessee tajaajila lammummaatiin waktii Bonaa hojii Misooma Sululaa fi waktii Gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin gola Oromiyaa hundatti hojii qabeenya uumamaa manca’e deebisuu hojjetameen injifannoon galmaa’aa dhufeera. Akkuma abbootni keenya safuufi duudhaan nuuf kudhaamanii ergaa jabaa afoolaan nu dhaalchisanitti har’as biyyaafi biyyoo abbaatu eeggata kan jedhu jabeessinee amanuun hojii mootummaafi uummata keenyaa kan guyyaa guyyaa taasifanneerra.
Ummatni keenyas harkasaa gootummaa aadeffate diriirsee duudhaa isaafis ulfina kennee madaala uumamaa dabe deebisuuf hojii waggoottan torban darbe hojjetameen sululootni hedduun misoomanii, biqilootni biliyoona hedduunis dhaabamanii kunuunfamaa jiru. Gaarotni duwwaatti hafanii turan bosonoomanii dachaawwan goganii turanis mirgisanii dacheen Oromiyaa qe’ee gaaddisa ganamaatti deebi’uu eegaleera. Uwwisni bosona naannoo keenyaa mancaatii mudateen % 17 tti gad bu’ee ture gara % 29tti olguddachuu danda’eera.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; milkaa’inni kun dirree xiiqiitti bobbaatanii injifannoo xiiqii galmeessitanii dafqa keessaniin gaaddisa dhalootaa dhaabu
25/08/2025
*የውኃ ጠብታ፡ የትውልድ አሻራ*
የታላቁ የኢትዮጵያ ህዳሴ ግድብ ከአሁን በፊት ታይቶ የማይታወቅ የኢትዮጵያውያን የትብብርና የወሰን መስዋዕትነት ምልክት ነው። ይህ ግድብ የብዙ ትውልዶች የጋራ ጥረትና ትልም ውጤት መሆኑን ዶክተር አብይ አህመድ “የደም ጠብታ፣ የላብ ጠብታ፣ የዕንባ ጠብታ እና የውኃ ጠብታ” ድምር ውጤት በማለት ህያው ምስክርነታቸውን ሰጥተዋል።
የደም ጠብታ፦ ይህ ግድብ የብሔራዊ ክብርና ሉዓላዊነት ምልክት ነው። የግንባታው ሂደት ኢትዮጵያ ሀገራዊ አቅሟን፣ ሉዓላዊነቷን እና ብሔራዊ ጥቅሟን ለማስጠበቅ ያለመታከት እንደምትታገል የሚያሳይ ነው።
የላብ ጠብታ፦ ግድቡ የኢትዮጵያ የምህንድስናና የቴክኖሎጂ አቅም መገለጫ ነው። ከግንባታው በስተጀርባ በሀገር በቀል ባለሙያዎችና ሰራተኞች የተፈሰሰ ከባድ ላብ፣ እውቀትና ችሎታ አለ። ይህ ግድብ የኢትዮጵያውያንን የትጋትና የቁርጠኝነት መንፈስ ያንጸባርቃል።
የዕንባ ጠብታ፦ የህዳሴው ግድብ የገንዘብ ምንጭም ለኢትዮጵያዊያን ከራሳቸው የተሰበሰበ በመሆኑ፣ የሀገራዊ አንድነትና የባለቤትነት ስሜት መገለጫ ነው። ከሀብታም እስከ ደሀ እያንዳንዱ ኢትዮጵያዊ ለዚህ ታላቅ ፕሮጀክት የየራሱን አስተዋጽኦ ያበረከተበት ታሪክ ነው። ይህም የሀገራዊ አንድነት፣ የመተባበር እና የመተጋገዝ ብርቱ ትብብር ውጤት መሆኑን ያመለክታል።
የውኃ ጠብታ፦ ግድቡ ከእነዚህ ሁሉ መስዋዕትነቶችና የጋራ ጥረቶች በኋላ የሚፈሰው የብልጽግና ውሃ መገለጫ ነው። በግድቡ የተፈጠረው ሐይቅ ለኢትዮጵያ ብቻ ሳይሆን ለጎረቤት ሀገሮችም የልማትና የሰላም ምንጭ ሆኖ ያገለግላል።
የዶክተር አብይ አህመድ “የውኃ ጠብታ” ራዕይ ህዳሴ ግድብን ከቀላል የግንባታ ፕሮጀክት በላይ ያደርገዋል። ይህ ራዕይ የኢትዮጵያን ያለፈውን መስዋዕትነት፣ የአሁን ጥረት እና የወደፊት ብሩህ ተስፋን ያጠቃልላል። ግድቡም ይህን ሁሉ ትርጉም በውስጡ አቅፎ ለትውልድ ህያው ምስክር ሆኖ ይቀጥላል።
15/12/2024
Urjiwwaan Bishoftuu 💪
15/12/2024
Nageenya Uummata Keenyaa Waareessuun Badhaadhina Maatii Dhugoomsuudha
===========
; Kutaa Magaalaa Dhibaayyuutti Milishoonni Leenjifamaa Turan Bakka Kantibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Asaffaa fi Bulchaan Kutaa Magaalichaa Obbo Kafanii, Abbootii gadaa, hoggansi Kutaa magaalichaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa argamanitti Eebbifamanii jiru.
Wal kabajuu, wal dhaggeeffachuu fi heddummina yaadaatti amanuun nageenya biyyaatiif bu'uura waan ta'aniif qixaan hojiirra oolchuun murteessaadha.
Nageenyi amansiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkanaahuu kan danda'u hirmaannaa fi gumaacha lammiileen hundi taasisan bu'uureffachuudhaani. Nageenyi dhabamuun carraalee of harkaa qabnutti sirnaan akkaa hin fayyadamnee fi tasgabbii akka hin qabaanne waan taasisuuf dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaadudha.
Mirkanaahuun nageenyaa misoomaaf badhaadhina biyyaa akkasumas jiruuf jireenya lammiileetiif murteessaa waan ta'eef dhimmoota nageenya keenyaaf qormaata ta'an maqsaa, qaamolee faallaa nagaa dhaabbatan tokkummaan dura daabbachuun irratti qabsaahaa adeemuun murteessaadha.
Biyya nageenya amansiisaa mirkaneeffattee fi lammiilee ishee hundaaf mijattuu taate dhugoomsuuf duudhaalee tokkummaaf obbolummaa keenya jabeessan, nageenya biyyaatis waaressan sirnaan kunuunsuu fi hojiirra oolchuun dirqama lammii hunda irraa eegamu.
Galma yaadne ga'uuf nageenya keenya haa tikfannu, iddoo jirrutti gahee keenya haa bahannu.
13/12/2024
Magaalaa Jidduu gala Turiizimii fi Dinagdee Damdaneessa cimaa Ijaaraa imala Gara Badhaadhina hunda-galeessaatti gochaa Bu'aa Qabatamaan dabaalamee Mul'achaa Jira.
13/12/2024
“Dhibdee Itoophiyaaf falli waaraan maree biyyaalessaa eegalle waloomaan milkeessuudha!” Shimallis Abdiisaa; Pirezidaantii MNO
~~~
Biyyoonni Addunyaa hedduun dhibdee keessoo isaaniitti mudateef Marii biyyaalessaan araara biyyaalessaa labsanii waloomaan nageenya isaanii waaressuun ijaarsa biyyaa isaanii milkeessaniiru. Kanaanis fuula isaanii gara misoomaatti deeffachuun imala misoomaa jabeessanii dinagdee isaaniis bu'ura amansiisaa irratti dhaabaniiru.
Biyyi keenya Itoophiyaanis seenaa ijaarsa biyyaa waggoota hedduu kan qabdu taatus; qormaata rogdaneessa keessoo isheetti mudate sirnaan hiikkachuu dhabuurraa kan ka’e tokkummaa biyyaalessaa cimsuurra gara finxaalessummaa sabaatti imaluuf dirqamte. Sirnootni dhufaa darbaa biyyi keenya keessummeessaa dhuftes kabaja sabdaneessummaa xiqqeessuun sirna qeenxeetti ulfina h**e. Saboota hedduu moggaatti dhiibuun murna gita bittaa muraasaaf haala mijeesse. Saboota jidduutti wal gaareffannaafi walshakkii daneesse, jaalalarras jibba hammeesse, tokkummaarra garaagarummaa bal’ise, wal ijaaruurra wal buqqisuuf haala mijeesse, wal ceesisuurra wal takaaluu humneesse.
Kanaanis dinagdeen dadhaabaa, ijaarsi biyyaas laafaafi tokkummaan biyyaalessaa humna dhabaa fincilliifi hokkorri danachuun biyyi keenya ajjeechaafi buqqaatii akka keessummeessituuf dirqamte. Kuufama qormaataa biyyi keenya keessummeessaa jirtuuf fala waaraa kennuuf yeroo garaa garaatti yaaliwwan taasifamaa turanis milkii waloo argachuu dhabuu isaaniitiin biyya dirree wal waraansa obbolaafi maraammartoo hiyyummaa keessa daaddistu taatee jirti.
Akka biyyaattis ta’e naannoo keenyaatti hoggansi jijiiramaa bara 2010 gara Aangootti dhufuu isaatiin wal waraansa araaraan, jibba jaalalaan, garaa garummaa tokkummaan injifachuun Itoophiyaa hundaaf hundaan hundarraa ijaaruun sirna diimokiraasii dhugaa walmorkii yaadaa qofa bu’uureeffate galma taasifachuun imala eegalle. Biyya nagaa, walqixxummaa, tokkummaafi dimokiraasiin irraa fagaatee maraamrtoo wal waraansaa keessa jirtuuf sagaleen misiraachoo lallabame; sabootattis abdii h**ee ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’e.
Kuufamoota qormaata rogdaneessa darbaa dabarsaan dhaloota kana ga’eefis falli waaraan maree biyyaalessaa labsuufi araara biyyaalessaa milkeessuu akka ta’e amannee dallaa jibbiinsaa dhiifamaan diignee riqicha jaalalaa waliif ijaaruuf cichinee hojjenne. Balbala nagaa bannee harka araaraa diriirsinee dhibdee jiru hunda mareen furuuf nuffii tokko malee waamicha nagaa taasifne. Uummanni keenyas duudhaa ganamaan qajeelfamee ulfoo isaa qabatee ‘waraanni nu haa ga’u nageenyi haa waara’u’ jechuun gaafate. Nagaan hundaaf hundis nagaaf harka akka diriirsu kadhatee imaanaas hundatti kennate. Sanaanis Naannoon keenya nagaa ishee waaressuun dinagdee amansiisaa qilleensaan hin raafamne ijaaruuf imala ishee itti fufte.
Gaaffiifi kadhoo uummataa jalaa callisuun fafa. Hunduu owwaachuufi waamicha isaaf birmaachuun Oromiyaatti nagaa waaressee ajandaa waloof ammoo maree biyyaalessaaf taa’ee araaraa biyyaalessaa mirkaneessuu qaba. Fedhii keenya cinaatti dhiifnee gaaffiifi dantaa uummataaf dhaabbannaan gaaddisni maree hunda injifachiisee milkaa’ina waloof tumsa.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaafi quuqamtoonni uummata Oromoo hundi dhimma Oromoo irratti walooma qabanneefi sabdaneessummaa obbolummaa ijaaruu irratti waliin hojjennee kuufama qormaatotaa keessa jirru keessaa ba’uuf xiyyeeffannoo guddaa maree biyyaalessaaf kennuun dhimma boruuf bulfamu miti.
Mareen biyyaalessaa ajandaa guddaa dhalootni kun milkeessuu qabuufi dhaloota dhufuufis hiyyummaaf wal waraansa osoo hin taane biyya badhaadhina ijaarteefi diimokiraasii gad dhaabde dhaalchisuuf hojjechuun nurraa eegama. Kanaafis hunduu of qopheessuufi ajandaa walitti qabuu naannoo keenyatti gaggeeffamuuf hirmaannaa ho’aa ajandaa uummata Oromoo bakka bu’u dhiyeessuuf hojjetamuu qaba.
Hirmaannaafi qooda fudhannaan keenya hunda haammataa taasisuu qofa osoo hin taane duudhaafi safuu sirna Gadaa irraa horatameen hogganamuun kuufama qormaatotaa keessa jirru keessaa ba’uuf hunduu gumaacha isarraa eegamu taasisuu qaba.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa: Pirezidaantii MNO
Mudde, 2017
Finfinnee
Click here to claim your Sponsored Listing.